Xurree ittiin seenan

Breaking News

Deggertoonni Garee Kubbaa Miillaa Maqalee To’annaa Jala Ooluutu Gabaasame


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Dorgommii kilaboota ol aanoo priimiyer Liigii Itiyoophiyaaf kan dorgomu deggertoota Mekele Sebi’aa Indertaa keessaa 30 to’annaa poolisii jala jiraachuutu gabaasame.

Maddeen naannoo sana turan VOAf akka ibsanitti kaleessa Ethi Bunna fi Mekele Seba Inderta gidduutti kan geggeessame tapha kubbaa miillaa booda deggertoota garee lamaan gidduutti barcumaa fi meeshaalee adda addaa walitti darbuutu ture.

Poolisiin Federaalaas dursa deggertoonni Bunnaa itti aansee immoo kan Mekele sebaa Indertaa staadiyeemii keessaa akka ba’an qophee gochuun gabaasamee jira.

Itti gaafatamtuun waajjira dargaggootaa fi spoortii naannoo Tigraay aadde Gennet Arrefee VOAF akka ibsanitti namoonni 200 to’atamuu isaanii dubbatan. Kaleessa angawoota waliin mari’achuu dhaan irra hedduun hiikamuu illee dubbataniiru.

Girmaachoo Kebede deggertooa Andertaa dubbisuun akka gabaasetti kanneen kun kan hidhaman push up hojjechuu dhaan muummicha ministeeraa Abiyitti qoostan, nuti Getachoo Asaffaa ti, nuti Wayyaanee dha jettan jedhamuu dhaani jedhan. Dorgommii kubbaa miillaan gareen lamaan zero fi zeeroo dhaan ba’an.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG