Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummati Addunyaa Miliyoona 70 Ol Baqattummaan Jiraata: UNHCR


Naannoo addunyaa irraa uummati miliyoonni 71 ta’u sababaa waraanaan qe’ee ofii irraa buqa’uu, dararaa fi walitti bu’iinsa jalaa kan baqate ta’uu jarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa beeksisee jira. Lakkoobsi kun erga UNHCR waggoota 70 dura hundeeffamee qabee isa guddicha.

Jarmiyichi akka jedhutti uummati miliyoona 70.8 ta’u kan duraan tilmaamame yoo ta’u rakkoon Vnenzuela keessaa uummati miliyoonni 4 qe’e ofii irraa akka godaanuuf sababaa ta’e. Irra hedduun isaanii dahata siyaasaa waan hin gaafataniniif akka baqataatti hin laka’amne.

Waggaa darbe jedha gabaasi jarmyaa baqattootaa, waraannii fi walitti bu’iinsi walakkaan isaanii ijoollee kan ta’an uummati miliyoonni 26 biyya isaanii-tii akka baqatan dirqisiise.

Miliyoona 41 kan ta’an immoo biyyuma ofii keessatti qe’ee irraa baqatan. Baqattoonni addunyaa harka sadii keessaa lama biyyoota shan, Siiriyaa, Afgaanistan, Sudaan Kibbaa, Myanmar fi Somaaliyaa irraa ti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG