WAASHINGITAN, DIISII —
Itiyoophiyaan ishee har’a kan waggoota sadii dura yeroon Finfinnee seene turte irraa abdii kan qabdu ta’u yeroo hojii isaanii xumuranii deebi’aa kan jiran dubbii himaan Embaasii Yunaaytid Istetees isa Finfinnee jiruuf dubbii himaa kan ta’an Nikoolaas Barnet dubbatanii jiru.
Yeroo jalqabbii ce’umsaa kanatti Itiyoophiyaa keessaa deemuun rakkisaa dha kan jedhan Nikoolaas biyyatti keessa carraa fi Abdii hedduutu jira jedhan.
Yeroon HOJIIF Itiyoophiyaa dhufe waan biyyattiin gochuu dandeessi jedhee hin yaadneetu ta’e kan jedhanBarnet ce’umsii Itiyoophiyaa keessaa akka milkaa’uu amantiin qaba jechuun isaanii gabaafamee jira.