Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Qabiinsa Mirga Dhala Namaa Ertraa Keessaa Yaddeessaa Dha:Qorataa


Ertraa keessatti torbanneen dhiyeenya kanaa kaasee sochii waldaan Kaatolikii gootu dhorkamuu fi miseensoonni waldaa Ortodoksii fi kristaanoonni biroon ajaja mana murtiin ala hidhamuun akkasumas haalli mirgi namoomaa biyyatti keessaa yaaddeessaa ta’u Ertraatti qorattun mirga namoomaa kan Tokkummaa mootummotaa ibsitee jira.

Haallii kutaa sana keessatti nagaa fi tasgabii buusuuf jiru foyya’aa kan jiru ta’uus qabiinsii mirga namoomaa kan Ertraa keessaa hin jijjiramiin akka jiru agarsiisa jedhan Daniela Kravetz.

Ertraan miseensa kaawunsilii mirga dhala namaa akkuuma taate waadaa addunyaaf galte akka kabajju, dhaabbatootiin amantii walaba ta’anii akka sosso’an akkasumas lammiwwan Ertraas walabummaa amantii qaban biyya isaanii keessatti hojii irra akka oolchan gaafatan.

Waxabajjii 12 aangawoonni Ertraa ajaja kennaniin waaltaaleen eegumsa fayyaa kan waldaan Kaatolikii gaggeessu hundumaa to’atamee jira.

Iddoo tokko tokkootti looltoonna bobba’anii dhukkubsattonni gara mana ofiitti akka deebi’an gochaa akkasumas hojjattoota wirtulee fayyaa sodaachisaa akka jiran gabaafamee jira

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG