Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Keessatti Maallaqnii Funaanamaa Jira


Mootummaan bulchiinsa naannoo Tigraay deggersii maallaqaa akka godhamuuf sabaa himaa naannoon gaafachuun isaa ibsamee jira. Hojjattonni dhaabata misooma mootummaa mindaa isaanii dhibba keessaa harka shanii qabee hanga harka dhibbaatti ji’a ji’an kennaa akka jiran Itti gaafatamtuun waajiira hariiroo mootummaa fi uummata Tigraay Aaddee Liyaa Kaasaa ibsanii jiru.

Kana malees hawaasnii daldalaa fi abotiin qabeenyaa sochii kanatti seenuun Dilbata Waxabajjii 11 bara 2011 Teelee Tonii ofii qoheessanii qarshii miliyoona 200 fi miliyoona 50 walitti qabuuf karoorfachuun ibsamee jira.

Maallaqa kana walitti qabuun kan barbaachise waggootii darban 4 keessatti rakkoo siyaasaa uumameen karoora guddinaa fi Traanformeeshinii ka’ame fixaan baasuun waan dadhabmeef ta’uu Aaddee Liyaa Kaasaa Ibsanii jiru

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG