Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Bulchiinsa Naannoo Tigraay Hidhamtoota 2004-f Dhiifama Godhe


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Mootummaan bulchiinsa naannoo Tigraay namoonni hidhaa keessa turan 2004 dhiifamnii godhameefi akka hiikaman murteessee jira.

Guyyaa yaadannoo gootoota wareegamanii sababaa gochuun dhiifama kanneen argatan kana keessaa 13 lammiwwan Ertraa ta’u itti gaafatamaan waajiira nageenyaa fi bulchiinsaa Obbo Tekki’uu Meteku ibsanii jiru.

Sambata borii Waxabajjii 22 bara 2019 kan yaadatamu guyyaa wareegamtoota Tigraay kan waggaa 31ffaa sababaa gochuun kanneen gadhiifaman kana keessaa harkii 83 dargaggoota umriin 35 gadii waan ta’aniif humna isaanii misoomaaf olchuu yaada jedhuun ta’u ibsameera.

Miseensoonni paartii Aranaa sababaa siyaasaan kannen hidhaman haga ammaatti hin hiikamiin akka jiran paartichii ibseera.

Angawaan waa’ee kanaa gaafataman deebii kennaniin kanneen yakka hojjachuun hidhaman malee sabaaa ejjennaa siyaasaa qabaniin kan hidhaman hin jiran jechuu dubbachuun isaanii gabaafamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG