Xurree ittiin seenan

Breaking News

Janaraal Sa’aaree Makonnin fi Dr. Ambaachoo Makonnin Ajjeefaman


Hogganaan Raayyaa Hittisa Biyyaa fi pirezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa ajjeefakamuu ibisi waajjiirra muummee ministiraa Itoophiyaa baase beeksise.

Itamaajoor shuumiin Raayyaa Hittisa Biyyaa Itoophiyaa, Janaraal Sa’aaree Makonnin fi pirezdaantiin mootummaa naannoo Amaaraa Dr. Ambaachoo Makonnin Sambat-dura kaleessaa jechuunis Waxabajjii 22, 2019 ajjeefamuu mootummaan ifa godheera.

Janaraal Sa’aareen mana isaanii magaala Finfinnee keessaatti aragmutti janaraalii biraa an soorama bahee jiru meejer janaraal Gebaazii Abarraa wajjin nama isaan eegu hookanis gaardii isaanitiin ajjeefamuutu himame.

Imbaasin Yunaaytid Isteets Finfinnee Jiru Haala Nageenyaa Laalchisee Ibsa Baase

Oduu wal-fakkaatuun yaaliin fonqolcha mootumaa naannoo Amaaraa irratti kaleessuma agaamamee fashalaahullee pirezdaantiin naanichaa Dr. Ambaachoo Makonnin fi gorsaan damee ijaarsaa naannoo Amaaraa, obboo Azez Waasee waajiira isaanii keessatti dhukaasa itti banameen lubbuun isaanii darbuu ibsi mootummaa irraa kenname tarreessee jira.

Bulchiinsi naanichaa gochaa kana janaraal Asaaminoo Tsigee fi fakkaattonni isaanii qineessuu ifa gochuudhan halkaan kaleessaa bayyeen isaanii to’annaa jala olfamuu beeksise.

Janaraal Biraanuu Juulaa Rayyaa Ittisaa Itoophiyaa akka hoogganaan bakka buufamuun beekkameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG