Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii Kubbaa Miilaa Nadheen Addunyaa Faransaayitti Itti Jiran US Hardhallee Ispeen 2-1 Moote Biyya 8n Walti Hafanitti Daramte


France USA Thailand WWCup Soccer
France USA Thailand WWCup Soccer

Amerikaan tapha barana kana warra itti qajeelte ufuma dura qajeelchaa asi geette.

Akkuma walti gadi dhiisaniin Taaylaandi 13-0 gaggabsite,Chiilee 3-0 qaarifte,Siwiidn 2-0 ufi dura fuute Ispeenillee 2-1 moote.

Goolii lamaan hardhaa Meegan Rapionetti adabbii argatee galche. Goolii qaraa daqiiqaa 7esso irratti lammeessoon 76 irratti argatte.

Megan nama ganna 33,kilabii kubbaa miilaa Amerikaatii fi kilabi Tacoma, Washington Seattle keessa taphatti.

Gama kaaiin Ingilaandi Kaameruun 3-0 mootee biyya saddeettan walti hafanitti daramte. Hardha Siwiidinii fi Kanaadaatti taphata bori ammoo Chaayinaa fi Xaliyaana.

Dorgommii kubbaa miilaa nadheen addunyaa ta itti jiraniin biyya 8n walti hafan taate.

Ingilaandi tapha kalee irratti Kaameruun 3-0 mootee dabarte.Faransaayilleen Biraazil 2-1 moote.

Afrikaa keessaa biyyitii dorgommii tana keessatti eegee aante Kaameruun. Isiillee Ingilaanditti 3-0 moo’e.Kaameruun amalaa fi adaba ispoortii hin hin qabaanneen himatan.

Taphaayyuu diqquma keessaayyuu hin yaa’in. Waldaan federshiinii kubbaa miilaa addunyaa amala hammeenna kana qorachuutti jira.

Biyya saddeetitti walti hafuuf yaa’a. Amma Noorweeyi, Ingilaandi,Faransaayi, Jermeniinii fi Amerikaatti dabre.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG