Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaan Alangaa Bulchiinsa Naannoo Amaaraa Haleellaa Sambata Darbee Gaggeffameen Mada’anii Turan Har’a Du’an Boqatan


Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti Sambata darbee Waxabajjii 22 bara 2019 yaalii fonqoolcha mootummaa gaggeeffame hogganan jedhamuun kan shakkaman Jeneraal Asaaminew Tsigee miliquuf ituu yaalanii har’a naannoo magaalaa Baahir daarti ajjeefamanii jiru.

Gabaastun Raadiyoo Sagalee Amerikaa Baahir Daar irraa akka gabaasteetti Jeneraal Asaaminew wiixata har’a humnootii nageenyaa jalaa miliquuf ituu yaalanii ajjeefaman.

Gama kaaniin aangawaan haleellaa sambata darbee gaggeffameen mada’anii turan abba alangaan bulchiinsa naannoo Amaaraa Obbo Migbaaruu Kabbada har’a du’an boqochuu isaanii sabaa himaan mootummaa gabaasanii jiru.

Sambata darbee hidhatoonni walgahii gaggeeffamaa tureetti ol seenuun prezidaantii bulchiinsa naannoo Amaaraa Dr. Ambaachoo Makonnon fi gorsitoota gameessa prezidaantichaa keessaa tokko ajjeesan.

Sabaa himaan mootummaa akka jedhanti itti gaafatamaa waajiira nageenyaa naannoo sanaa kan turan Jeneraal Asaaminew yaalii fonqoolcha mootummaa kana gaggeessan jechuun ibsu.

Guyyuuma sambataa sana sa’atilee hanga tokko booda hogganaa humnoota waraana kan biyyatti Jeneeraal sa’aree Mokonnon Finfinnee keessa kan jiru mana jireenyaa isaanii keessatti waardiyyaa ofiin ajjeefaman.

Angawoonni akka jedhanti haleellaan bakka lamaanitti gaggeeffame hidhata qaba .

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:40 0:00
More
XS
SM
MD
LG