Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraan Irra Uggura Haaraa Ka’amuuf Jira


Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Donaald Traamp ajaja Iraan Irra uggura haaraa kaa’u har’a mallatteessanii jiran.Kunis dinagdee Iraan irratti dhiibbaa gochuun amala mootummaan Iraan agarsisaa jiru akka jijjiru gochuuf ta’a.

Biyyoota lameen giddutti waraanaan dura dhaabannaan uumamuu mala sodaan jedhu bakka jabaatee jiruutti waa’een ugguraa haaraa kun immo dhaga’ame.

Kunis Iraan xayyaara nam-maleeyyii kan Amerikaa torban dabree rukuttee kuffisuu waliin wal qabata.Traamp Twitarii akka barreessanti uggurri haaraan Iraan irra ka’amuuf jiru hagam akka ta’e hin ibsine.

Ministriin haajaa alaa Amerikaa Mike Pompeo uggurri haaraan Iraan irra ka’amu kun guddaa dha jedhan Dilbata kaleessaa Waashintan keessaa ennaa ka’an dubbatan.

Imalli isaanii kunis gara Sa’audii Arabiyaa, achiis tokkummaa Araboota Imereetootaatti yoo ta’u tokkummaadhaan Iraan dura dhaabachuuf jecha dubbachuuf ta’uun ibsamee jra

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG