Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shakkamtoonni Yaalii Fonqolcha Mootummaa Geggeessan Jedhaman Mana Murtiitti Dhiyaatan


Waxabajjii 22 bara 2019 fonqolcha mootummaa yaalame jedheen Finfinnee fi Baahir Daar keessatti ajjeechaa raawwatame keessatti gama adda addaan hirmaataniiru jechuun kan shakke namoota ja’a poolisiin har’a mana murtiitti dhiyeessee jira.

Poolisiin shakkuu dhaan har’a mana murtii Federaalaa Araadaa jirutti kan dhiyeesse, Berrihuun Adaanee, Sintaayyoo Chekkol, Merkebuu Haayiluu, Geediyoon Wendesen, Maastewaal Araggaa fi Hayyaaloom Biraane jedhamu. Poolisiin akka jedhetti shakkamaa ja’affaa dhimma Hayyaloom adda kan taasisu kaleessa Finfinnee dhaa reeffi Jeneraalota ajjeefamanii ennaa geggeessamu meeshaa waraanaa hidhatee angawoota mootummaa irraan miidhaa geessisuuf utuu yaaluu qabame jedha.

Kanaaf jecha shakkamtoota kana irratti qorannaa geggeessuuf akka seera farra shororkeessummaatti guyyoonni qorannaa 28 akka eeyamamuuf poolisiin gaafateera.

Abukaatoon himatamtotaa obbo Heenook Akliiluu gaaffii poolisii mormaniiru.

Abukaatoon kun akka falmanitti himannaan shakkamtoota irrtti dhiyaate fonqolcha mootummaan malee shororkeessummaa ta’uu hin qabu. Shakkiin fonqolcha mootummaan dhiyaate immoo wabii waan hin dhorkineef maamiltoonni isaanii walaba akka gad dhiisaman gaafataniiru.

Shakkiin poolisii dimshaashaan kan dhiyaate dha, gocha kana raawwatan yoo ta’e kan tokko tokkoo isaanii hin ibsamne, itti dabaluunis poolisiin shakkamtoota mana hidhaa tursee hojii qorannaa geggeessu hin tarreessine, kanaaf jecha manni murtichaa galmee qorannaa sana dhiyeessee akka akka qoratu gaafatee jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:24 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG