Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr. Aragaawwii Berihee Dargaggoota Tigraayiin Mormiin Irra Ga’e


Dura taa’aan wal ta’iinsa Tigraay Dr. Aragaawwii Berihee guyyaa kaleessaa sirna awwaalcha Jeneraal Saa’iree Mekonnenii fi kan jeneraal Gezaa’ii Abarraa irratt argamuuf Mekelee ennaa ga’an dargaggootaan haleellaan irratti raawwatamuuf yaaliin godhamee ture.

Dr. Aragaawwiin sirna keellaa namoota wareegamaniif qophaa’e irratti argamuuf gamas seenuuf ennaa yaalan dargaggoonni seenuu hin qabu jechuu dhaan halellaa irraan ga’uuf yaalanii turan.

Yeroo sanatti humnootii nagaa eegsisaniin haleellaan irra hin ga’in hafee, poolisiinis gaazii imimmaansu biifee jira.

Miseensonni poolisii fi konkolaataan dhakaan rukutamuu fi poolisiin miidhaan irra ga’es wal’aansa fayyaa argataa jiraachuun gabaasameera. Dr. Aregaawwiin Finfinneetti kan deebi’an yoo ta’u bor haala kana irratti tuuta oduuf ibsa kan kennan ta’uu ragaan argame ni mul’isa jechuu dhaan Mulugeta Atsbehaa Meqelee irraa gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG