Xurree ittiin seenan

Breaking News

Benishaangul Keessatti Namoonni 57 Ajjeesaman Jedhu Aangawoonni


Naannoo Beniishaangul Gumuz, godinaa Matakkal, aanaa Daanguritti, Dilbata dabre halkan, hidhattoonni haleellaa geggeessuun namoota 57 ajjeesan, jechuun Bulchaan aanichaa fi Biiroon nagaa fi tasgabii naannoo ibsanii jiran.

Hidhattoonni kun naannoo Amaaraa irraa dhufan – jedhu – aangawoonni kun.

Naannoo hidhattoonni kun keessa qaxxaamuran, jedhame – aanaa Jaawwii fi aangawoota mootummaa naannoo Amaaraa irraa waa’ee ajjeechaa – jedhame kanaa deebii argachuuf yaaliin godhe hin milkoofne – jedha, gabaasaan VOA, Naakoor Malkaa. Caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:39 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG