Sudaan keessatti bulchiinsii waraanaa itti fufuu isaa mormuun hiriira ba’ame irrati namnii 5 ajjeefamee kanneen biroo hedduun akka hamaatti madaa’uu gareen Doktoroota Sundaan beeksisee jira.
Dilbata kaleessaa mormiitonni kuma kurna hedduu ta’an guutuummaa biyyatti keessatti kan hiriiran yoo ta’u gaaffiin kun Prezidaantiin duraanii Omar Al Bashir aangoo irraa eega bu’anii booda baatilee sadiif gaaffii dhiyaataa ture dha..
Hiriirtonni akka jedhanti Jeneeraalonni aangoo Al Bashir harkaa fudhachuun of-harkaa qaban gara Sivilootatti dabarsuuf kaaraa akka saaqan gaafatu.
Hiriirtonni kun hangi tokko alaabaa Sudaan kan qabatan yoo ta’u dhaadannoon dhageesisanis “ Bulchiinsa Sivilii” barbaanna akkasumas kaawunsiliin Jeneeraal Abdel- Fattaan Burhan haa kuufuu kan jedhu ture.Humnootin nageenyaa hiriirtoota irratti Gaaza himiimaansu bifanii jiru.
Sudaan waggoota dheeraaf bulchiinsa waraanaa jala waan turteef waraana nuffinee kan jedhan hiriirtoota keessaa tokko kun ammaan dura hin hojjannee ammaan boodas hin hojjatu jedhe.