Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaabul Keessatti Taliiban Haleellaa Gaggeesse


Magaalaa galama mootummaa Afgaanistaan Kaabul keessatti Bombiin konkolaataa irraa dhohee fi dhukaasii banamee uummata keessaa garii ajjeesee kanneen biroo madeessuun ibsamee jira.

Angawoonni akka jedhanti walitti bu’iinsa hidhattotaa fi humnootii nageenyaa Afgaanistaan giddutti gaggeeffame sa’atilee ja’af ture.

Taalibaan balaa kana gaggeessuu isaa kan amanee yoo ta’u waajiira ministrii ittisa Afgaanstaan irratti qiyyaafate jedhe.

Jiraattonni Wiixata har’a akka jedhanti dhohinsii Bombii kun ganama har’a yeroo uummanni gara hojiitti bobba’a jiruutti magaala kaabul waaltaa keessatti dhohee. Sana booda Aara gurraacha guddaatu magaalaa Kaabul aguuge jedhu.

Dubbi himaan ministrii haajaa biyya keessaa kan Afgaanistaan Nasrat Rahimi ibsa baasaniin dhohiinsa sana booda hidhattonni hedduun gamoo ijaaramaa jiru kan naannoo Sanaa keessa dahatanii humnootii Polisii kanneen hojii irra turan irratti dhukaasa banan.

Humnootiin addaa kan Afgaanistaan sana booda dhaqqabanii haala jiru tasgabbeessaa jiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG