Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraan Kuufama Albudaa Yuraaniyamii Qabdu Isa Ehamameef Caaluu Isaa Ibsitee Jirti


Iraan Albudaa Yuraaniyam sadarkaa gad- bu’an gabbistee hedduumina isa walii galtee irra ka’ame ture sana kan caalu ta’uun beeksiiftee jirti.Bara 2015 Iraan oomisha meeshaa Nukleeraa akka dhaabdu gochuuf walii galteen tokko tolfamuun ni yaadatama.

Mnistriin haajaa alaa Iraan Javad Zarif dhabata oduu ISNA jedhamuuf akka ibsanti Iraan kan silaa ehamameefii ture Kiloo 300 kan dabartee yoo ta’u/ Kuufama albudaa Yuraaniyamiin amma of- harkaa qabdu 100 keessaa harka 3.67 guddisuu isaa ibsan.

Iraan walii galtee biyyoota addunyaa irratti humna guddaa qaban 6 waliin tolfatte ifatti yeroo cabsituu kun ka jalqabaa ta’u agarsiisa.

Iraan irra uggura dinagdee jiru kaasuuf walii galteen kun bara 2015 kan tolfamee yoo ta’u albudaa yuraaniyamii Iraan gabbisuu qabdu hagam qofa ta’u akka maluu kan lafa kaa’ee ture.

Prezidaantiin Amerikaa Traamp biyya isaanii waggaa darbee walii galtee kana keessaa baasuun ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG