Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoong Koong Keessatti Seera Mormuun Mormiin Itti Fufee Jira


Hoong Koong keessatti uummanni Wiixata har’a gara galgalaa mormiitonni gara waajiira seera tumtoota magaalatti qajeeluun hiriira guddaa gaggeessaa jiru.Kunis magaalattiin Chaayinaa waliin kan walitti deebitee waggaa 22ffaa har’a yeroo yaadatamutti ture.

Kuma hedduun hiriirtoota kanaa gamoo mootummaa kan magaalatti keessaa waaree booda kan marsan yoo ta’u garee xinnoon immoo waajiira seera tumtootaa seenuuf yaalanii turan.Polisiin garu dursee keessa seenee waan tureef Gaaza himiimaansu itti bifuun fashalsan.

Hiriirtonni kun eenyummaa isaanii polisiin akka hin barre akkasumas tarkaanfiin polisii of-irraa ittisuuf jecha waan adda addaan fuula isaanii aguuganii Foddaa balbala itti ol-seenana bira jiru cabsanii jiran.

Magaalatti iddoo biraatti hiriirri waaree booda sa’a lamaa fi walakkaa irratti kan jalqabamee yoo ta’u hiriirtonni Paarkii Viktoriyaa irraa gara gamoo waajiira haadhoo kan mootummaa cina jiruutti deeman.

Nama yakka hojjatee dabarsanii Chaayinaatti kennuu seera jedhu mormuun hiriirri kun gaggeeffamaa jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG