Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoota Gosa Amaaraa 56 Harargee Bahaa Keessatti Hidhaman: ABIIN


Godiina Harargee Bahaa aanaa Mettaa magaalaa Qullubbii fi Calanqoo keessatti sochii biyooleessa Amaaraa ykn Abiniif miseensaa,meeshaa waraanaa fi maallaqaan tumsituu kanneen jedhaman miseensonni gosa Amaaraa hidhamaa kan jiran ta’u maatiin ibsaa jiru.

Kamiisa darbe namnii 56 to’annaa jala kan oolan yoo ta’u maaliin akka shakkaman kan itti himamee erga qabamanii guyyaa lammaffaatti ta’u ibsamee jira.

Namonni maqaan isaanii akka hin ibsamne akka jedhanti kan to’annaa jala isaan oolche bulchiinsaaf nageenyati jedhu.Clanqoo keessaa nama 48 Qullubbii keessaa namnii 8 hidhamuu fi kanneen keessa abbaa fi ilmii akkasumas abbaa warraa fi haatii warraa akka jiran ragaan jira jedhu.

Kana ilaalchisee polisii godiina Haraargee bahaa fi hoggana aanaa Mettaa irraa deebii argachuuf yaaliin ta’e akka hin milkaa’iin ibsamee jira.

Ajjechaa Baahir Daar fi Finfinnee keessatti dhaqqabe sana booda hogganni Aabiin Amaara ta’an kanneen Oromiyaa keessa jiraatan 200 ol hidhamuu Aabiin beeksisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG