Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iddoo Kanatti Sin Arga Jedhee Hin Eegne: Hogganaa Koriyaa Kaabaa


Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Donaald Traamp hogganaa Koriyaa Kaabaa Kim Jong Un waliin wal arguun isaanii bu’a qabeessa akka ta’e fi biyyonni lameen rakkoon jiru akka furamuu kan barbaadan ta’u ibsan.

Rakkoon jiru martii yoo furamee Koriyaan Kaabaa carraa badhaadhinaa akka ishee eegu ibseen jira jechuun waraana Amerikaa kanneen Koriyaa Kibbaa keessa jianiif Traamp ibsaniiru.

Koriyaan Kaabaa Sagantaa Nukleeraa qabdu irratti walii galuu dandeenyaaan bu’aa dinagdee argachuuf jirti Traamp irra deddebi’anii ibsaa turan.

Prezidaantiin Amerikaa ituu aangoo irra jiru daangaa Koriyaa lameenii kan eegumsa jabaa jala jiru ce’uun gama kaabaa seenee Traamp ka jalqabaa yoo ta’u hogganaa Koriyaa kaabaa wajjiin dubbachuus danda’an.

Traamp ganda daangaa irra jirtu keessatti Kim waliin harka eega wal fuudhanii booda Traamp daangaa eegumsa jabaa jala jirtu sana ce’an.

Sana booda hogganoonni lameen gara Koriyaa Kibbaatti ce’an.

Traampiin ammas si arguun koo gaarii kan jedhan Kim Iddoo kanatti sin argga jedhee takkaa hin eegne jedhan.Daangaa kana ce’uun koo kabajaa guddaadha kan jedhan Traamp immoo Kim walgahii biraaf gara Amerikaa akka dhufaniif afeeran.

Wal arguun isaanii kun daqiiqaa lamaaf qofa ta’u Traamp Sambata darbee dubbatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG