Xurree ittiin seenan

Breaking News

Eertraa KeessattiH Qabiinsa Mirga Dhala Namaa Kan Ilaaleen Foyya’iinsii Argame Qabatamaan Hin Jiru:Qorattuu Addaa


Faayilii - Sirna baniinsa daangaa Itoophiyaa fi Eertiraa
Faayilii - Sirna baniinsa daangaa Itoophiyaa fi Eertiraa

Haalli qabiinsii mirga namoomaa Eertraa keessaa foyya’ee mootummaanis jijjiirama bu’uura walabummaa ta’an hojii irra hin oolchu taanaan lammiiwwan Eertraa biyya ofii baqachuun itti fufa jechuun qorattuun addaa kantokkummaa mootummootaa Daaniyelaa Kraavetz akeekkachisanii jiru.

Qorattuun kun gabaasa isaanii waggaa isa jalqabaa gumii mirga dhala namaa kan tokkummaa mootummootaaf Kibxata har’a Adooleessa 2 bara 2019 dhiyeessanii jiru.

Eertraa fi Itiyoophiyaan waggaa tokko dura walii galtee nageenyaa fi michoomaa jabeeffachuun isaanii waan gaarii dha kan jedhan Daaniyelaan Ertraa keessatti haala qabiinsa mirga dhala namaa kan ilaaleen foyya’iinsii argame qabatamaan hin jiru jedhan.

Nagaan argamee irraa lammiwwan Ertraa bu’an argatan hin jiru waan ta’eef lammiwwan biyyatti dhibba hedduun baatii baatiin biyya ofii keessaa dheessaa jiru jedhu.

Mootummaan Ertraa tajaajiila waraanaa kana keessa deebi’ee ilaaluun kanneen tajaajiila kanaaf kaadhimee jiruus gadhisee carraa hojii akka banuuf gaafatan qorqttuun tokkummaa mootummotaa kun.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:46 0:00

Namoota hidhuun akka itti fufee jiruu fi kunis ehama mana murtiin ala akka ta’e, seera duratti ituu hin dhiyeessiin eessa buteen namootaa dhabamuun itti fufee jedhu Daani’eelaan.

Akka fakkeenyaatis umrii ishee 15tti bara 2012 Ertraa keessaa ba’uuf yaalte jedhamuun kan qabamte Siham Ali Abdu lammummaa Ertraa fi Amerikaa qabdi.Baatii Ebla darbee kana umrii ishee 22 xumuurte. Waggaa torbaaf hidhaa keessa kan jirtu ta’uus eessatti hidhamtee akka jirtu hin beekamu jedhan.

Hidhamtoonni siyaasaa martii akka gadhiifamaniif kan gaafatan Daaniyelaan Ertraan seera fi haqa akka hojii irra oolchuufis gaafatan.

Ministrii haajaa alaa Ertraa Ambaasaaddar Tasfaa Mikaa’eel Garraahtu kun dhimmi abba biyyummaa Ertraa keessa seenuu dha jedhan.

Kaawunsiliin miga dhala namaa kan tokkummaa mootummotaa murtii dursamee hin ibsamiiniin waggoota darban saddeetiif Ertraa irratti qiyyaafatee himata dhiittaa mirga namoomaa dhiyeessaa ture jedhan.

Hojiin qorqttoota addaa jedhamu kunis Eertraa addatti baasanii tasgabii dhabsisuu akkasumas nagaa fi nageenya akkasumas misooma kutaa Sanaa caalaatti wal xaxaa gochuuf irratti akeekkate jedhan aangawaan ministrii dantaa alaa Ertraa kun.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG