Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waardiyyaaleen Daangaa Ameerikaa Loogii Sanyiin Himataman


Ministriin naga eegumsa biyyoolessaa Yunaayitid Isteetis waardiyyaaleen daangaa Ameerikaa garee Feesbuukii irratti ergaa loogii sanyii, fi hookkaraa akkamsumas waa’ee koolu galtootaa fi seera tumtoota Laatin Amerikaa ilaalchisuun maxxansan keessaa ti gabaasa jedhu qorataa jiraachuu beeksisee jira.

Marsaan interneetii “ProPublica” jedhamu akka jedhetti maxxansaaleen sun suraalee fi yaadawwan du’uu koolu galtootaatti qoosu kan lammiin Salvaadoor intala isaa waliin utuu gara Ameerikaatti ce’uuf yaaluu laga keessatti liqimfameefaa of keessaa qaba.

Waardiyyaaleen daangaa irra jiran dargaggoon umuriin waggaa 16 hidhaa keessatti du’uu ilaalchisee maal na dhibdee dhaan du’eera wanti ta’u hin jiru jechuun yaada isaan kennan illee gabaasameera.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG