Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraan Ibiddaan Taphatti Jedhan Prezidaant Doonaald Traamp


Iran Yuraaniyemii gabbistu ulaagaa sadarkaan addunyaa lafa ka’e irra dabarsuun ishee ibiddaan taphachuu dha jechuu dhaan prezidaant Doonaald Traamp dubbatanii jiran.

Waan godhanis beekuu, waan ittiin taphataa jiranis beeku jechuu dhaan Traamp kaleessa White House keessatti tuuta oduuf ibsa kennaniiru.

Ibsi barii White House irraa kenname Yunaayitid Isteetis Iraan qaruma meeshaa waraanaa akka oomishitu hin eeyamtu ka jedhu irra deebi’uun beeksise.

Ministeerri dhimma alaa Iraan Mohaammad Javaad Zariif dhaabbata oduu biyyattiif ibsa kennaniin Iran kan oomishuun irra ture Yuraaniyemee kg 300 irra dabarteetti jedhan

Jarmayaan tokkummaa mootummootaa kan dhimmootii atoomikii to’atu Iraan walii galtee jiru irra darbuu ishee kaleessa mirkaneessee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG