Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Filippiin Keessaa Namni Raawwate Beekamee Jira


Lammiin Filippiin namoota torban darbe haleellaa of wareegummaa raawwatan lama keessaa tokko ta’uun adda ba’ee jira. Kun shorokeessota biyyattii keessatti uumaman kanneen jalqabaa ti.

Odola Joloo gama kibbaa keessatti haleellaa jimaata darbe raawwatameen namoonni shan du’aniiru. Major General Cirilitoo Sobejanaa akka jedhanitti reeffi shakkamtootaa umuriin 23 maatii isaaniitiin adda baafame.

Sobejaanaan akka jedhanitti kanneen haleellaa raawwatan kun miseensa garee leellistoota Abu Sayyaf jedhamuu ti.

Gareen kun kan hoogganamu haleellaa jimaata darbee fi kan baatii Amajjii keessa Jolootti kan argamu mana sagadaa kaatolikii irratti raawwatee namoota 27 galaafatee nama Hajan Sawadjaan jedhamuun hoogganama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG