Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poolisooni Keeniyaa 21 Ta'an Namoota 'Hattuu dha' Jedhan Rasaasaan Ummata Funduratti Ajjeesaa Jiran: Hiyumaan Raayitis Waach


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Gareen mirga dhala-namaaf falmu – Hiyumaan Raayitis Waach, gabaasaa isaa haarawa baaseen, gandeen Naayiroobii iyyeeyyiin keessa jiraatan lama – Daandooraa fi Maataaree keessatti qofa, Hagayya bara 2018 irraa haga gabaasichi qopheessametti shakkamtoonni poolisii Keeniyaatiin ajjeesaman yoo xiqqaate 21 tahuu beeksise. Qorataan Hiyumaan Raayitis Waach – Ostiyeenoo Nomwaayaa, haalla itti namoonni kun ajjeesaman ka wal-fakkaatu tahuu eeran.

“Wanni baratame tokko poolisiin nama tokko hattuu dha, jedhee maqaa itti kennee akeekkachiisa yokaan miisiyaa hawaasummaa irratti maxxansa. Achii booda, turban tokko yokaan lamaa booda namni sun du’ee argama. Yokaan dhokatanii eeganii mana isaa tii yokaan karaa irraa qabatu, akka inni jilbeeffatu godhu. Achumatti, ifatti, uummata fuul-duratti rasaasaan dhawanii ajjeesu,” jedhu.

Gabaasaa guutuu caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:20 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG