Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan Har’a Guyyaa Walabummaa Kabajji


As Ameerikaa keessatti guyaa walabummaatu kabajamee oole. Yunaayitid Isteetis ayyaana har’aa kana akkuma baratame xaaxee xaaxessuu, maatii fi hiriyoottan akkasumas hawaasaaleen walitti dhufuu dhaan irbaata waliin gooddachuu yoo kabajan prezidaant Doonaald immoo haaswaa dhageessisuuf jiru.

Adoolessi Afur bara 1776 guyyaa Ameerikaan bittaa Briteen jalaa walaba itti taatetu kabajamee oola. As Washington keessatti uummata kurna kumaan laka’aman argamanii sirni xaaxee xaaxessuu ni geggeessama.

Waggaa kana Traamp itti dabaluu dhaan kabajaa Ameerikaaf jecha ayyaanichi humna waraanni Yunaayitid Isteetis qabu akka calaqqisuuf jecha haasaa isaanii siidaa yaadannoo Linken cinatti dhageessisuuf jiru.

Guyyaa kana kan kan kana duraattii adda ta’een meeshaalee waraanaa gurguddoon kan irratti mul’atani yoo ta’u qeeqxonni prezidaant tramp deebisanii filatamuuf qophaa’aa ennaa jiran kanatti ayyaana kana bifa duula filannoo taasisan jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:16 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG