Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Tripoolii Cinatti Raawwatame Yakka Waraanaa Ta’uu Mala: Tokkummaa Mootummootaa


Haleellaan boombii magaalaa galma mootummaa Liibyaa irratti kaleessa raawwatamee yoo xiqqaate namoota 44 galaafatee kanneen 130 ol ta’an omadeesse yakka waraanaa ta’uu mala jechuu dhaan angawoonni tokkummaa mootummootaa beeksisan.

Waaltaa koolu galtootaa andaara Tripoolii jiru keessaa kanneen lubbuun hafan qorattoonni ennaa isaan caccabaa manneen keessa halkan quutuu to’ataa turan arganii jiran. Bishaanii fi midhaan nyaataa illee kan itti hanqatu ta’uu dubbatan.

Dubartiin lammii somaaliyaa tokko nuti nagaa barbaannaa, Somaaliyaa irraa gara Yemen dhaqne, achi irraa immoo gara Sudan booda irras as dhufne. Kunoo iddoon kunis akkuma Somaaliyaa ti jette.

Kanneen lubbuun hafan akka jedhanitti haleellaan kun walakkeessa halkanii sa’a 11:30tti raawwate jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG