US fi Nezerlaandis iftaan waancaaf taphatan jarii lachuu tapha barana kana takkuma hin moohamne
Amerikaa fi Awurooppaatti walti hafe. Dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa Nadheen Addunyaa baar 2019 biyya 24 jalqabee amma Amerikaa fi Nezerlaandisitti walti hafe.
Jarii kun iftaan Faransaay,Lyon keessatti tapahta.US tana waliin marroo afur waancaaf taphatte. Nezerlaandis dorgommii dhiiraatiin guddoo beekamtullee baruma kana dorgommii nadheeniitii waancaaf dabarte.
Dhiirtii kubbaa miilaa Nezerlaandis bara 2017 Waancaa Awurooppaa mootee, jarii kunillee sun mataan qaabachaa taphata.
Taphattuun Amerikaa beekamtuu goolii hedduu galchite,Megan Rapinoe tapha iftaan kana keessa jiraachuu hin ooltu.
Taphii kun Nezerlaanidiif nama gaara dhiibe taha ka jedhulleen hedduu.
Kubbaa miilaa Amerikaa Jill Ellis-ti leenjisa. Warra barana waliin taphatte cufa ufuma duraa fuutee asiin geette:
Amerikaa Taaylaani (13-0), Chile (3-0), Sweden (2-0), Spain (2-1) Faransaay (2-1) fi England (2-1) moote asi geette.US barana marroo 12 taphattee cufaa hinuma moote.
Nezerlaandis: Isiilleen akkuma Amerikaa barana kana takkuma hin moohamne. Jappaan,Siwiidin qaqaariftee abdiin asi geettee walumattuu barana goolii 11 galfatte.
Isiin warra itti qajeelte akkana tolchite: New Zilaandi (1-0), Kaameruun (3-1), Kanaadaa (2-1), Japan (2-1), Xaliyaana (2-0), Siwiidn (1-0).
Warrii Nezerlaandii taphatu 23n ganna 26 ykn sunii gadi. Taatullee barana lama qofa dorgommii waancaa addunyaatii dabran.
US: Ijoolleen Amerikaa hedduun ammoo dorgommii akkanaa marroo lama ykn haga sadii taphatan.
Taphattootii isii namii haga jahaa nama ganna 30 oli;Heath, Rapinoe fi Morgan Adoolessa 2,ganna 30 taate.
Hagooroo fi kahimatti waliin taphata.Hagooriitti makuma nama guddaatiin moo’a jechuutti jira namii hedduun.