Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koomishiniin Poolisii fi Biiroon Dhimmota Koomiyunikeeshinii Naannoo Amaaraa Haala Yeroo Ammaa Irratti Ibsa Kennan


Faayilii - Sirna awwaalaa pirezdaantii mootummaa naannoo Amaaraa, Waxabajjii 26, 2019
Faayilii - Sirna awwaalaa pirezdaantii mootummaa naannoo Amaaraa, Waxabajjii 26, 2019

Koomishinarri Koomishinii Poolisii Naannoo Amaaraa – Abberee Addaamuu fi itti-gaafatamaan waajira dhimmoota Koomishinikeeshinii naannichaa – Assemaahenyi Asires, yaalii fongolcha mootummaa dhiheenya naannoo Amaaraa keessatti deemsisamee ture wajjiin dhimmoota wal-qabatan irratti har’a ibsa waliin kennaniin, mootummaan federaalaa fi mootummaan naannoo ka wal-gargaaree hojjetaa jiru tahuu hubachiisan.

“Mootummaan naannoo taayitaa isaa mootummaa federaalaaf dabarsee kennee jira. Humna poolisii addaa naannichaa gidduutti wal-qoqqooduun uumamee jira. Ragaa gahaa malee shakkamtoonni qabamaa jiru” ka jedhamee odeessuma hamii dhuga irraa fagaate tahuu ka dubbatan – Itti-gaafatamaan dhimmoota koomiyunikeeshinii mootummaa naannoo Amaaraa – Obbo Assemaahenyi Aisres, mootummaan naannoo, aangoo seeraan kennameef tokkollee akka dabarsee hin kenniin dubbatan.

Caasaa nageenyaa naannichaas, qaamota gargaarsaaf federaala irraa dhufanis walumaa-galatti kan hoogganu mootummaa naannoo ti, kan qindeessu mootummaa naannoo ti. Sirna federaalaatti hundaa’uudhaan aangoo kennameef taakkuu tokkollee dabarsee hin kennine, gara fuul-duraattis hin kennu. Taayitaan dabarsamee kenname hin jiru – jedhan.

“Gareen federaala irraa dhufe, deggersa teknooloojii fi teekinikaa gohuuf malee, qorannaa naannoo sanatti geggeessamu kan adda-durumaan hoogganu, poolisii naannoo ti” jedhanii, deemsi hojii naga-eegumsaa maal akka tahe ennaa itti fufanii dubbatan, “hojiin nageenyaa, hojii idilee addunyaa ti. Hojii gandaa miti. Yunifoormiin isaa kan idil-addunyaa ti. Bifa ijaarsa isaatiin Poolsii Amaaraa jechuu dandeessa, Poolisii Oromiyaa jechuu dandeessa, Poolsii Kibbaa, Poolisii Tigraay jechuu dandeessa.

Hojiin isaa garuu tokkicha. Naannoo isaa tiksa, achii immoo Itiyoophiyaa tiksa. Kanaaf, mootummaa federaalaa yokaan Itiyoophiyaa fi Amaaraa adda qoodee, lamaan isaanii akka diinaatti akka wal-ilaalan kan godhu – hojiin nageenyaa bala’amaa dha. Nutis kana hin fudhannu. Har’as, booris federaala waliin hojjenna. Federaallis kan keenya, jennee amanna – jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:30 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG