Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abuuniin Kaatoolika Roomaa Godaantota Liibiyaa Keessatti Dhumaniif Akka Amantoonni Isaan Waliin Kadhatan Gaafatan


Abuunichi Kaatoolikii Roomaa, Pop Fraansis, kaleessa, uummata kadhannaadhaaf Waltajjii Seent Piitersitti waga’e duratti, “namoota iyyeeyyii fi hidhannoo hin qabne” kanneen dhiheenya kana Liibiyaatti haleellaa xayyaaraan mooraa baqattoota irratti geggeessameen dhumanii fi madaa’aniif akka waliin kadhatan gaafatanii jiran.

Mooraa Taajuraa jedhamu, kan handaara Triippoliitti argamnu irratti haleellaa geggeessamee ka qorataa ture – Tokkummaan mootummootaa haleellaa sanaan namoonni shantamaa ol dhumuu fi kanneen 130 tahan madaa’uu beeksisee jira.

Baqattootaa fi godaantota keessaa hagi tokko eega mooraan sun haleelamee booda, otuu baqatanii bahuuf carraaqanii waaridiyyoota moorichaan rasaasaan haleellaman – jedha gabaasaan Tokkummaa Mootummootaa sun. Hawaasmni Addunyaa, “gochaa ulfaataa akkanaa callisee ilaaluu hin qabu,” jechuun – amantoota kadhannaaf walga’an sanatti dubbatan – Poop Fraansis. Gabaasaa guutuu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG