Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haala Miijawaa fi Nagaa Keessa Taa’anii Itiyoophiyaa Keessatti Jibbinsaa fi Hookkara Kakaasu: Amb. Reneer


Itiyoophiyaa keessatti Kanneen jibbinsaa fi hookkara kakaasan namoota Itiyoophiyaa biyyaa ala jiraatan yokaan Dayaasporaa keessaa hagi tokko Yunaayitid Isteetis keessa jiraatu jechuun Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Yunaayitid Isteetis ibsa kaleessa kennaniin dubbatanii jiran.

“Yunaayitid Isteetis keessa haala miijawaa fi nageenyaa keessa taa’anii Itiyoophiyaa keessatti jibbinsaa fi hookkara kakaasu” jedhan Amnaasaddar Maayik Reeyiner.

Yaada diploomaatii Amerikaa kana torban darbe mummichi ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad paarlaamaa biyya isaaniif ibsanii turan.

Addunyaa bakka adda addaa irra ka jiran afaanneen Itiyoophiyaa keessaa dubbachuu kanneen danda’an irra hedduun isaanii paas portii Itiyoophiyaa kanneen hin qabne oduu uumanii odeessan kan “gaangeen dhalte” jedhu oofuun yuu-tuubii (you tube)irraa buddeen ta’eefii madda galii ofii godhatan jedhan.

Gara laafeessa kan ta’e uummanni Itiyoophiyaa immo warra afaan isaa dubbatan kana dhaggeeffatee wal nyaata jedhan Dr. Abiyyi.

Gabaasa guutuu caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:00 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG