Misaayilli baatii Waxabajjii keessa maadhee ripxe loltoota Liibiyaa keessaa argame kan Ferensaay ta’uu biyyattiin har’a amantee jirti.
Hoogganaan ripxe loltoota Liibiyaa Kaliifaa Haftar baatii Ebla keessa mootummaa fonqolchuuf duula labsanii jiran, erga duulli kun jalqabee as namoonni kuma tokkoo ol du’uu tokkummaan mootummootaa beeksisee jira.
Humnootiin mootummaa deggersa sadarkaa addunyaa qabuuf amanamoo ta’an, misaayila Javelin jedhu kan tokkoon isaa doolaara $170,000 baasu arguu isaanii dubbatan. Kunis ennaa haleellaa milkaa’e kan magaalaa Kaliifaa Haftaar qabatee jiru Geeryaan irratti geggeessametti argama.
Magaalaan gaarreniin marfamtee jirtu kun kibba Tripoolii irraa fageenya km 64 irratti argamti.
Ferensaay ibsa kenniteen Kaliifaaf meeshaa farra misaayilaa kennuu haaluu dhaan kun walii galtee uggura meeshaa waraanaa kan tokkummaa mootummootaaf US cabsa jettee jirti.
Ministriin ittisaa immoo meeshaan sun cabaa fi hojii irra waan oolu waan hin ta’iniif hanga manca’utti kuusaa meeshaalee keessa kaa’ame jechuu dhaan meeshaan kun attamiin akka bade garuu hin ibsine.