Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaatti Ambaasaadderri Briteen Hojii Akka Gad Dhiisan Beeksisan


Yunayitid Isteetisitti ambaasaadderri Briteen Kim Darroch ergaan icitii isaan wal jijjiiran erga saaxilamee booda prezidaant Traamp fi bulchiinsi isaanii dandeettii hin qaban hojii sirriitti hojjechuu hin danda’an jechuun erga qeeqanii booda itti gaafatama isaanii itti fufuu akka hin dandeenye ibsanii har’a fedha isaaniin hojii gad dhiisanii jiru.

Yeroon koo hanga xumura waggaa kanaatti kan itti fufu ta’us haala amma jiruun ambaasaaddara haaraa muuduun gaarii dha jedheen amana jechuu dhaan Darroch ibsa baasaniin beeksisaniiru. Erga bara 2016 qabee Washington deessatti diplomaatii gameessa ta’anii hojjetaa turan. Haa ta’u malee ergaa isaan icitiin Londonitti ergan waan ifa ta’eef angawoonni Briteen yeroon hojii isaanii kan Washinton dhiyeenyatti akka dhumatu tilmaamanii jiran.

Ibsa Darroch keessaa kan xumura torban darbee Briteen keessatti ba’e keessaa kan isaan bulchiinsi kun gaarii ta’a, sirritti hojjeta jennee hin amannu jedha. Traamp gama isaaniin Darroch-n hin beeku yoo jedhan gabaasaaleen hangi took immoo prezidaantii fi Darroch sirna Washington keessaa tokko irratti waliin argamaniiru.

Ibsa Darroch erga dhaga’anii booda Traamp erga Twitter dabarsanin Darroch nama baay’ee dadhabaa dha, akka male gowwaa dha ittiin jedhanii isaan waliin dhimma wal na agarsiisu hin qabu jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG