Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Kibbaa Beelaan Rakkachuun Itti Fufee jira


Eega walabummaa ishee labsattee waggoota saddeet ka dabarsite - Sudaan Kibbaa keessatti hammeenyi haala qilleensaa, daddaaqaminsi dinagdee fi suuqa adda addaatti wal-waraansi geggeessamu itti fufuun, akka lammiwwan biyyattii gara biyyoota ollaatti baqatu taasise. Kaan immoo, waaltaalee Tokkummaa Mootaa biyyattii keessa jiran deemanii nyaataa fi dahata gafatu.

Sagantaa Nyaata Addunyaa, ka Tokkummaa Mootummootaa – dame Sudaanitti, hoogganaan koomiyunikeeshinii – Toomaas Firii akkana jedhu.

“Addunyaa irratti, Sudaan Kibbaa biyya sagantaaleen Sagantaa Nyaata Addunyaa itti wal-xaxaa fi rakkisaa tahe. Sababaan isaa naannoolee gargaarsi barbaachisu dhibba keessaa harka 60 yeroo roobaa konkolaataan hin galu. Akka foggisoo tahee, kan Sudaan Kibbaa keessatti beelli hammaatu, kan namoonni waan nyaatan dhabanii rakkatan yeroo gannaa ti,” jechuun haala jiru ibsan.

Waraansa bara 2013 dura, haalli Sudaan Kibbaa keessa gaarii akka ture ka dubbattu Meerii Laa, Ijoollee ishee 12 waliin mooraa Tokkummaa Mootummootaa Malakal jiru keessa jiraatti. Walumaa-galatti, waggoota ja’an dabraniif buqqaatota 30,000 tahan tu mooraa sana keessa jiraata. Waraansa bara 2013 tii dura, ishee fi abbaan warraa ishee qonnaa qotatanii, qurxummii baafatanii akka nyaata ofii danda’anii jiraatan dubbatti – Meeriin.

Sudaa Kibbaa, kutaa Centeral Upper Naayilitti, Qindeessaan hojii dirree, ka Humna Tokkummaa Mootummootaa UNMISS – Hazel Diwii, otuu nageenyi hin jiraatiin namoonni qehee ofitti deebi’anii midhaan facaafachuu fi jireenya dhaabhbachuu hin danda’an – jedhu.

Gabaasaa guutuu caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:00 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG