Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Gareen “Baladaraa” Ofiin Jedhu Bulchiisa Magaalaa Finfinnee Himate Bulchiisichi Dhara Jedhe


IskindIr Naggaa
IskindIr Naggaa

IskindIr Naggaan kan hoogganamuu fi ofii isaa baalaaderaa magaalaa Finfinnee jedhee qaamni of waamu guyyoota hanga tokko dura ibsa kenne waliin haala wal qabateen bulchiisi magaalaa Finfinnee isa waliin kan wal agarsiisu homtuu akka hin jiraanne beeksise.

Keessumaa miidiyaa hawaasaa hanga tokkoon dhimmi afarfamaa jiru dhugaa irraa fagoo ta’uu dubbi himaan kantiibaa magaalaa Finfinnee beeksisaniiru.

Qaamni kun akka jedhutti dargaggoota gaazexeessummaan hin beekamnetu ibsa kanname sana jeeqan jedha. Halli kunis keessumaa kantiibaa magaalaa Finfinnee Takelee Umaa waliin waan wal qabate fakkeessuuf keessumaa dargaggoon miidiyaa hawaasaan eenyummaan isaa tamsaasame oduu wal dha’aa akka ta’e dubbi himtuun waajjira kantiibaa aadde Feben Teshoomee dubbataniiru.

Suraa gurbaan maqaa dha’ame attamiin miidiyaa hawaasaa irratti akka facaasame ennaa dubbatan illee suraan sun kan gad dhiisame marsaa interneetii waajjira keenyaa irratti baatii darbe Injiner Taakkelee Uumaa itti aanaa dura taa’aa boordii Yuniversitii Finfinnee waan ta’aniif jecha wal ga’iif ennaa gamas dhaqanitti sagantaa biqiltuu dhaabuu jalqabne irratti hirmaatan jedhan. Gurbaan suraan isaa tamsaasames tokkummaa barattootaan bakka bu’ee akka biqiltuu dhaabuuf filatame fi barataa polotikaal saayinsii ta’uu isaa qofa beekna jedhaniiru. Obbo Iskindir garuu dargaggoota gamtaan ijaarmantu meeshaa miidhaa dhaqaabsiisu qabatanii wal ga’ii sana jeeqan jechuun himate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG