WAASHINGITAN, DIISII —
Gumiin mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa dhimma Eertraatti qorataa addaa kan ta’an biyyattii keessatti waggaa tokko itti dabalaaf qorannaa akka geggeessan eeyama isaanii akka dheeratu har’a sagalee kennameen mirkaneessee jira.
Adeemsi sagalee kennuu kun biyyoota 37 kan hirmaachise yoo dta’u kanneen keessaa 21 qorannaan kun akka dheeratu sagalee kennanii jiru.
Jalqaba irratti biyyootii Afriikaa keessaa eeyamni kun akka haara’u kan sagalee kenne hin turre. Saddeeti sagalee kan hin kennine yoo ta’u Eertraa fi biyyoonni ka biroon afur immoo mormanii jiran.