Xurree ittiin seenan

Breaking News

Boordiin Filannoo Sochiin 'Sidaamaan Bulchiinsa Naannoo Of-danda'ee' Jedhu Bu'ura Seeraa Hin Qabu Jedhe


Uummatni Sidaamaa of danda’ee akka bulchiisa naannootti akka ijaaramu qaamonni hojjetan murtii gama tokkoo qofa hojii irra oolchuu irraa akka of qusatan Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hubachiisee jira.

Gochaan kunis, bu’ura seeraa kan hin qabaanne tahuu beeksisee jira.

Boordichi filannoo, ibsa barreeffamaan kaleessa galgala facaasee keessatti, Gaaffii akka bulchiisa naannootti ijaaramuu uummatni dhiheesse, baatiilee shan keessatti refrendemii yokaan sagalee uumataatiin kan hojii irra oolchu tahuu dubbate.

Gaaffii sana, akka seerri ehamutti qabadheen jira – kan jedhu – Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa, dhimmi sana raaw’achiisuuf si’achi baatiilee ja’a akka qabutti dubbateyyuu, uummata Sidaamaa akka bulchiisa nannootti ijaaruuf qaamonni gaaffii dhiheessan garuu, guyyaan Boorii – jechuun – guyyaa kudha-tokkooffaa, baatii kudha-tokkooffaa, waggaa kudha-tokkoffaa irra kan oolu, gaafa Godinaan Sidaamaa Bulchiisa Nannoo itti tahu, jechuun labsanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG