Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ripublikaanonni Afur Murtii Ejjennoo Jecha Loogdummaa Sanyii Prezidaant Traamp Ilaalchisee Dimookiraatonni Manaaf Dhiheessan Deeggaran


Dubartoota Dimookiraatota miseensota Mana-maree Yunaaytid Isteets pirezdaant Traampin loogiin irra gahe
Dubartoota Dimookiraatota miseensota Mana-maree Yunaaytid Isteets pirezdaant Traampin loogiin irra gahe

Ribubilikaanonni miseensonni mana-maree afur, kaleessa galgala, dimookiraatota gita isaanii waliin hiriiruudhaan, murtii ejjennoo “jecha loogdummaa sanyii” prezidaant Traamp, waa’ee dubartoota Dimookiraatota miseensota Mana-maree ilaachisee dubbatan balaaleffatu raggaasisanii jiran.

Murtiin ejjennoo, kaleessa galgala, Mana-maree Yunaayitid Isteetisiif dhihaate sun, sagalee dhibba lamaa fi afurtamaan, sagalee dhibba tokkoo fi saddeettamii toorba irra aanee kan raggaasiame yoo tahu, “jechi loogdummaa Traamp sun, lammiwwan Ameerikaa haaraa fi saboota adii hin ta’iin irratti sodaa fi jibbinsi akka dabalu taasisee jira” jechuun baleeleffate.

Afaan-yaaiin Mana-maree Bakka-bu’ootaa Yunaayitid Isteetis – Naansii Peloosii, “yaada loogdummaa sanyii prezidaantichi Twiterii irratti kennan balaaleffachuu irratti” akka manni-maree tokko tahu gaafatan.

Miseensi Mana-maree – Daag Koolinsi immoo, jecha Peloosii kana, “kabajaa sirna mana-maree kan cabse” jechuudhaan balaaleffatan. Tahus garuu, akka jechoonni Peloosii galmee mana-maree guyyaa sanaa irraa haqamu gaaffiin dhiheessan, waliigala mana-maree irratti sagalee deggersaa gahaa waan hin argatiin hafeef hin fudhatamne.

Murichi jecha loogdummaa Traamp balaaleffatu irra-aantummaa sagaleetiin raggaasisame iyyuu, Ripabilikaanonni miseensonni mana-maree irra jireessi murtii kana murticha mormanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG