Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Sudaan Waliigaltee Aangoo Qooddannaa Mallatteessan


Bakka-bu’oonni Gumii Humna Waraanaa Sudaaniin bulchaa jiruu fi kan wal-taatota falmii mirga dimookiraasii, har’a, waliigaltee aangoo qooddannaa mallatteessanii jiran.

Walii galteen Kaartuum keessatti mallatteeffame lbsii heeraa hamma jimaata dhuftuutti mallatteeffamu of keessaa qaba.

Fooya’inni argame kun ce’umsa siyaasaa tarkaanfii tokko gara fuula duratti kan tarkaanfachiisee fi waraanni hoogganaa yeroo dheeraa Omar al-Bashiriin jalqaba waggaa kanaa aangoo irraa darbee as jeequmsa baatileef geggeessameen booda kan argamee dha.

Walii galteen aangoo qooddannaa, gumiin gamtaan hundaa’e filannoon haaraa geggeessuu dura waggoota sadiif Sudaaniin akka bulchu ka jedhu of keessaa qaba.

Walii galtee sanaan booda jaarsi araaraa Itiyoophiyaa Mohaammud Diriir paartileen martinuu walii galtee sana irra ga’uu isaanii galateeffataniiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:09 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG