Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Somaaleetti Meeshaaleen Waraanaa Kan Seeraan Alaa To’atamaa Jiru


Mootummaan naannoo Somaalee ittiin ka’uumsa walitti bu’iinsaa kan ta’e deddeebisa meeshaa waraanaa kan seeraan alaa to’ataa kan jiru ta’u beeksiise.

Komishinarri komishinii polisii naannoo Sanaa Mohammad Alii VOAf akka ibsanti hojiin meeshaalee seeraan alaa kan to’achuun itti fufa.

Keessumaa godinaalee walitti bu’iinsii gosaa keessatti mul’atu ilaalchii duraa itti kennamee meeshaaleen waraanaa to’annaa jala olaa jiru jedhan.

Komishinar Mohammad Alii godiinaalee kanneen biroo keessattis to’annaan meeshaalee seeraan alaa kun akka itti fufuu dubbatanii horsisee bulaan karaa seeraa meeshaan waraanaa qabatan akka jalaa hin xuqamne ibsan.

Hojii hidhannoo seeraan alaa hikkachisuu kana itti gaafatama fudhatee kan gaggeessu polisii addaa kan bulchiinsa naannoo ta’u ibsamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG