Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaa Keessatti Bombiin Dhohee Lubbuu Namootaa Galaafate


(Suuraa faayilii)

Wiixata har’a magaalaa Moqadishoo keessatti bombiin konkolaataa irraa dhohee yoo xiqqaate lubbuu nama 17 galaafachuu isaa maddeen wal’ansa fayyaa raadiyoo sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.

Daayreekteerri hospitaala Moqadishoo guddichaa Dr. Mohammad Yusuuf akka jedhanti namoonni ka biroon 28 balaa kanaan madaa’anii gara hospitaalaa geeffamanii jiru.

Balaan dhohinsaa kun kan dhaqqabe of-wareegaan shakkame tokko kokolaataa dhukaatotaan guutame Moqaadishoo keessaatti bakka daandileen 4 itti wal qaxxaamuran cina hoteela argamuutti dhoose.

Namoonni ijaan argan raadiyoo sagalee Amerikaaf akka ibsanti kokolaataan suun daandii gara dirree xayyaaraa moqadhishoo kan Aden Abdullee jedhamutti geessu irraa ulaa sakata’aa jiru biraa deebi’ee.

Hidhattonni Al-shabaab balaa kanaaf itti gaafatama fudhatee jira.Qondaalli basaasaa gameessi kan al-qaidaa guyyaa afur dur haleellaa dhaqqabeen eega ajjeefamanii booda/balaan har’a kun dhaqqabe.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG