Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraan Basaastoota Amerikaa Qabadhe Jetti


Iraan namoota Amerikaaf ituu basaasanii qabadhe ittiin jette 17 keessaa hanga tokko irratti adaba du’aa murteessuu ishee kan beeksiifte ta’uus prezidaantin Amerikaa Traamp garu kun soba jedhanii jiru.

Iraan muddamsa biyyoota gama dhiyaa waliin qabdu kan hammeesite fakkaata jedhamee jira.Ministriin tika nagaa Iraan akka labseetti basaastonni kun kan qabaman bara darbee yoo ta’u odeeffannoo akkaan barbaachisaa ta’an kan akka waraanaa fi warshaalee Nukleeraa kan ilaaleen dhaabata tika nagaa AmerikaaF( CIA ) walitti qabaa turan.

Angawaan tika nagaa kan Iraan akka gad fageenyaan ibsanti/ Amerikaa irraa shaakala qarooma hedduu qabu kan argatan ta’uus warshaalee Iraan irratti shirri hojjachuuf turan hin milkoofne jedhan.Gabaasaaleen Televiziyoona irratti dhiyaatan suuraa namoota basaasoota Amerikaati ittiin jedhe agarsiisan.

Prezidaantiin Amerikaa Traamp har’a Twitarii irratti akka barreessanti Iraan basaastoota Amerikaaqabadhe jechuun ishee oduu dhugaa tokko hin qabne akkasumas sobaa fi oloola jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG