Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsi Naannoo Amaaraa Prezidaantii Haaraa Argatee Jira


Manni-maree Bulchiinsa naannoo Amaaraa walga’ii idilee har’a geggeesseen ajjeechaa yeroo dabre naannoo sana keessatti geggeessameen qaawwaa hooggansa keessatti uumamee ture guutuudhaaf murtii dabarsee muudama nama prezidaantummaa naannichaaf dhiheeffaman kan Obbo Temesgeen Xiruneh raggaasisee jira.

Ka prezidaantummaa naannoo Amaaraaf haarawa muudaman – Obbo Temesgeen Xiruneh eega irbuu seenanii booda haasawa dhageessisanin yeroo naannoon sun muddama siyaasaa keessa jirtutti muudamuun isaanii hojiin fuul-dura isaanii tii isaan eeggatu salphaa akka hin taa’iin kan isaan hubachiisu tahuu dubbatan.

Ol’aantummaa seeraa kabajchiisuu, hojii investimentii dadhabee jiru akka bayyanatu gochuu, dargaggoota hojii dhabaniif haala hojii miijessuu fi hojiiwwan ka birootti akka fuuleffachuuf jiranis hubachiisanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG