Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummattoota somaalee fi Amaaraa addaan baasuuf hedduun hojjatameera:Obbo Musxafaa Mohammad


Jilli miseensoota dhibba tokko ta’an of keessaa qabuu fi itti aanaa bulchaa naannoo Somaalee Obbo Musxafaa Mohammad Umariin hogganamuu dhuma torban darbee Baahirdaar seenee jira.

Simannaa ho’aan jila kanaaf kan godhameef yoo ta’u uummata bulchiinsa Amaaraa fi kan Somaalee gidduu michooma jajjabeessuuf akkasumas lammummaa Itiyoophiyaa ol- kaasuuf jalqabbii duraa ta’uun ibsamee ira.

Guyyaa sadiif sirna gaggeeffamee keessatti uummattoota lameenii ilaalchisuun qorannaalee dhiyaatan irratti mariin gaggeeffamee jira.

Ummattonni lameen tokkummaa Itiyoophiyaaf kan hojjatan ta’uunis ibsameera.

Obbo Musxafaan akka dubbataniitti uummattoota somaalee fi Amaaraa addaan baasuuf hedduun hojjatamuu ibsan. kunis bu’aa siyaasaaf jecha otoo hin taanee qabatamaan kan hubannee fi seenaa dogoggoraa akka ta’e hubanneetu jedhan.

Uummanni Amaaraa cunqursaa akka ta’e keessumaa haala adda ta’een uummata Somaalee akka waan midheetti waggootii darbaniif irratti hojjatamaa ture jedhe Musxafaan.

Itti aanaa bulchaan bulchiinsa naannoo Amaaraa Obbo Laaqee Ayyaalew gama isaaniin nuti uummanni Amaaraa kan abbootii keenya irraa dhhaalle Itiyoophiyaa jabduu dhaloota dhufuuf kennina malee kaayyoo xixxiqaaf hin hojjannu jedhan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG