Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaalee Godina Sidaamaa Keessatti Tasgabbiin Mul'ataa Jira Jedhame


Hawaasaa Adoolessa 17, 2019
Hawaasaa Adoolessa 17, 2019

Godinaa Sidaamaa keessa kanneen jiran, magaalaalee keessatti tasgabbii mul’ataa dhufun isaa gabaasamee jira. Jiraattoonni hagi tokko gara hojii isaanii idileetti ka deebi’aa jiran tahuunis gabaasamee jira.

Yonaattaan Zebdiyoos Hawaasaa irraa akka gabaasetti, dhdabamuu lubbuu nama namoota hedduu, akkasumas, barbadaa’uu qabeenyaalee ka dhaqqabsiise rakkoon nageenyaa godinincha keessatti uumame, ottuu humni ittisaa nuuf hin dhaqqabne tahee tahee lubbuun keenya hin hafu ture – jedhu – jiraattonni VOA-tti dubbatan. Bulchiisa Gidinaa Sidaamaatti, itti-gaafatamaan waajira preesii – Obbo Gennenee Abarraa, VOA waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin, aangawoonni caasaa mootummaa, hojii uummata tasagabbeessuu fi namoota yakkatti shakkaman to’achuutti akka bobba’anii jiran dubbatu. Uuummatni Sidaamaa, miidhaa namoota saboota biroo irra gaheef itti gaafatama fudhachuuf tole jechuu isaanii naaf ibsanii jiran – jedha – Yonaataan Zebdiyoos. Hookkara dhiheenya godinaa Sidaamaa keessatti ka’e kanaan haga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 35 du’uunii fi qabeenyaan tilmaamni isaa hin beekamiin barbadaa’uun himamee jira.

Gabaasaa guutuu caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:54 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG