Xurree ittiin seenan

Breaking News

Booriis Joonsen Muummicha Ministeeraa Briteen Ta’uun Filataman


Paartiin safuutti cichu kan Briteen Boris Joonsen filannoo hoogganaa haaraa ta’uuf dorgoman injifatanii muummee ministeera biyyattii ta’uuf jiru.

Jonsen ministrii dhimma alaa Briteen Jeremy Hunt-n sagalee dhibba irraa harka 66 fi 34n injifaatan.

Biyyattii ajaa’iba kana ni tokkoomsina, gara fuula duratti tarkaanfachiisna jechuu dhaan erga injifachuu isaanii labsanii booda miseensota paartii isaaiitti himan Jonsen.

Birteen gamtaa Awrooppaa keessaa ba’uu ishee hamma Okoloolessa 31tti kan labsan ta’uu waadaa seenanii barnoota, caasaalee mootummaa fi waaltaa poolisii fooyyessuu dhaan biyyattii tokkoomsuun kan cimsan ta’uu illee dubbataniiru.

Joonsen roobii borii qabee Teheersaa Maay ennaa isaan aangoo gd dhiisan sirnaan bakka ba’uuf jiru. Tajaajila gaarii isaan paartii fi biyya isaaniif gumaachaniif illee galateeffataniiru. Prezidaant Doonaald Traam as Washington irraa Joonseniin baga gammaddan ittiin jechuu dhaan hoogganaa gaarii ta’uuf jiru jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG