Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kooriyaan Kibbaa Doonii Waraanaa Harawaa Tolfatte


Misaayila furguggisuu ykn yaalii nukleraa utuu hin taane doonii humna galaanaa haaraa hoogganaan Kooriyaa kaabaa beeksisan, mala ittiin Ameerikaa irra dhiibbaa ka’an ta’uun beekamee jira.

Sabaa himaan Kooriyaa Kaabaa suraa Kim Jong Un doonii haarawaa tolfame kana to’atanii maxxansee jira. Dooniin kunis yeroo dhiyootti andaara galaana Kooriyaa gama bahaatti bobba’a jedhan.

Kim dooniin kun tarsiimoo waraanaa guutummaan hojii irra oolchuuf kan qophaa’e ta’uu isaati gammadauu isaanii dhaabbati oduu Kooriyaa waaltaa beeksisee jira.

Dooniin kun meeshaalee waraanaa akkamii baachuu akka danda’u barruun kun tuquu baatus jechi tarsiimoo jedhu nuklera ittisa misaayilaa baachuu akka danda’u mul’isa.

Dooniin humna galaanaa haaraan kun Kooriyaan kaabaa sagantaa meeshaa nukleraa ishee itti fufuu mul’isa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG