Waraanni Sudaan, yaalii fonqocha mootummaa biyyattii keessatti geggeessameen wal-qabatee, hoogganaa humnoota waraanaa fi qondaalota waraanaa gameeyyii hedduu hidhuu isaa beeksise.
Waraanichi ibsa kaleessa baaseen akka jedhutti, hoogganaa hunoota waraanaa Jeneraal Hashiim Abdel-Mutaalib Babakir fi qondaalota waraanaa ol’aanoo yoo xiqqaate 12 kanneen inni hidhe.
Maddi oduu mootummaa Sudaan – SUNA jedhamu immoo, hoogganoonni Tika-nagaa Biyyaalessaa fi Naga-eegumsaa, hoogganoonni Sochii Musliimaa fi Paartii Koongiresa Biyyoolessaa yaalii fonqolcha mootummaa sana keessaa harka qabaachuu isaanii dubbata.
Baatii kana keessa qofa, Sudaan keessatti, kun yaalii fonqolcha mootummaa lammaffaa geggeessame tahuu isaa ti.
Jalqaba baatii kanaa irra, Gumiin Humnoota Waraanaa biyyattii bulchaa jiru, yaalii fonqolchqaa Adoolessa 11 geggeessame – jedhuun wal-qabatee, qondaalota waraanaa hojii irra jiranii fi gadamoojjiilee – walumaa-gtalatti 16 hidhuu isaa beeksisee ture.