Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa fi Ameerikaan Hursootti Leenjii Waraanaa Ka Waliin Geggeessaa Jiran


Faayilii - Miseensota Birgaadeelii Afrikaa Bahaa Jibuutiitti oggaa shakallii geggeessan
Faayilii - Miseensota Birgaadeelii Afrikaa Bahaa Jibuutiitti oggaa shakallii geggeessan

Itiyoophiyaa fi Ameerikaan, mooraa leenjii waraanaa Hursootti leenjii waraanaa ka waliin geggeessaa jiran tahuun himamee jira.

Leenjiin kun guyyoota kudha ja’aaf ka geggeessamu yoo tahu, leenjii tajaajila fayyaa loltummaa dabalee, qaama leenjii biyyoota lamaan gidduutti geggeessamuu ti – jedhama.

Kaayyoon leenjii kanaa, humna naga-eegumsaa Gamtaa Afrikaa, Somaaliyaatti bobba’ee jiru – AMISOMn jajjabeessuutti ka fuuleffate tahuun beekamee jira.

Akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti, Adoolessa 8 irraa jalqabee leenjiin geggeessamaa jiru kun ennaa banamutti kan haasawa dhageessisan – Afrikaatti, Ajajaan Humna Waraanaa Ameerikaa – Meejer Jeneraal Kilaawuter Jiir, “ka nageenya eegsisuutti muuxannoo cimaa qabdu – Itiyoophiyaa waliin shaakalli geggeessamu kun, biyyoota lameenii fi waahilooa isaaniif barbaachisaa dha” jechuun akkanatti ibsan.

“Leenjiin amma asitti geggeessamaa jiru kun, qaama leenjii guddichaa ti. Ka Finfinnee keessatti geggeessamu – shaakala Komaand Poostii – hoogganoonni waraanaa itti hirmaatanis of keessatti qabata. Qophii tajaajila wal’aansa fayyaas of keessaa qaba. Leenjiileen waggaoota fudhatan kan qindoominaan itti kennamani. Isa Itiyoophiyaa fi Ameerikaan waliin geggeessan, leenjii biyyoota lamaa tii alattis, shaakalli waraana Ameerikaa, kan qaama “Justified Accord 19” jedhamutti immoo biyyoonni akka Burundii, Jabuutii, Yugaandaa fi Somaaliyaa – akkasumas – biyyonni ka biroon 6, kanneen akka Ameerikaa, Biteen, Faransaay, Neezerlaand, Biraazil fi Xaaliyaaniin itti hirmaatu,” jedhan, Meejer Jeneraal Kilaawuter Jiira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:01:56 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG