Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godaantoonni 150 Ta’an Handaara Galaana Libiyaatti Eessa Buteen Isaanii Dhabame


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Kamiisa Adooleessa 25 bara 2019 godaantoonni 150 ta’an handaara galaana Libiyaatti eessa buteen isaanii dhabame.

Bidruu yokaan yabala godaantota fe’atee galaana Medtraniyaan keessa dhidhimteen balaan kaleessa dhaqqabe kun, waggaa kana keessa balaa dhaqqabe isa guddaa tahuu mala, jedhama.

Dubbi-himaan Jaarmaa Dhimma Baqattootaa, ka Tokkummaa Mootummootaa yokaan UNHCR – Chaarlii Yaaxilii ibsa VOAf kennaniin, “Gurmuun namoota dhibba lamaa fi shantamaa fi dhibba sadii gidduu tahan, buufata handaara galaanaa Liibiyaa – Al Kums irraa, bidiruu yokaan yabala mukaa guddaadhaan ka’uu isaanii ni beekna. Gurmuun kana keessa irra caalaa, lammiwwan Ertiraa fi lammiwwan Sudaan tu jira.

Lammii Faalastiin tokko dabalatee lammiwwan biyyoota biroos keessa jiru. Yaballi isaanii sun bishaan keessa dhidhimuu isaa dura, buufaticha galaanaa irraa haga kiiloo-meetira shanii deemanii turan. Namoota sana keessaa garii gara handaaraatti daakanii namoota qurxummii baasanii fi waardiyyoota handaara galaanaa Liibiyaatiin baraarfamanii jiru. Walumaa galatti tarii namoonni gara 140 tahan baraaramanii jiru. Gurmuun hojjetoota keenyaa lafatti gargaarsa kennaafii jira. Akka nuti hubannetti, namoonni 150tti tilmaaman bishaanichaan nyaatamanii lubbuu isaanii dhabaniiru,” jedhan.

Ibsa booda UNCHR baase irratti namoonni 147 ta’an baraarafamuu tu dubbatame. Namoonni lama immoo hospitaala seenaii haala lubuuf sodaachisu keessa akka jiran ibsamee jira.

Balaa kana duras, bara 2019 keessa haga ammaatti qofa galaana Meditiraaniyaan irratti namoonni 669 dhumuu UNCHR gabaasee jira. Guutummaa gabaasaa kanaa caqasaa.

Godaantoonni 150 Ta’an Handaara Galaana Libiyaatti Eessa Buteen Isaanii Dhabame
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:58 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG