Jaarmayaan gargaarsa daa’immanii ka tokkummaa mootummootaa UNICEF lakkoobsi ijoollee Ripaablikii Dimokraatawaa Koongoo keessatti vaayresii Eboolaan qabamanii fi dhukkubichaan du’aa jiranii kan eegamuu ol hamaa ta’uu gabaasee jira.
Liisaa Shilaayin akka gabaastetti Repaablikii dimokraatawaa Koongoo keessaa namoota dhibee Ebolaan qabaman 2671 keessaa 700 ol ijoollee yoo ta’an dhibee lubbuu galaafatu kanaan ijoollee qabaman keessa walakkaa dhaa ol umuriin isaanii waggaa shan gad ta’uu UNICEFtti ogeessa fayyaa kan ta’an Jeroomee Faafman beeksisaniiru.
Daawwannaa guyyaa sadii Koongoo Kaaba gama bahaatti geggeessuun kan xumuran Faafman lakkoobsi kun hedduu ol ka’aa dha jedhan.
Lakkoobsi kun bara 2014 ennaa dhibeen kubn Afriikaa dhiyaa keessatti ka’e lakkoobsa ijoollee dhibee kanaan qabamanii irra hedduu guddaa dha jedhan. Dhibeen kun namoota kuma 28 ennaa qabu, kanneen kuma 11 ta’an galaafate.